Hidhi Haaromsaa ijoollee Itiyoophiyaa misoomaaf kan qindeesse pirojektii yaadama ida’amuun ijaarameedha- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Fulbaana 12, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Hidhi Haaromsaa ijoollee Itiyoophiyaa daangaa hanga daangaatti misoomaaf kan qindeesse pirojektii yaadama ida’amuun ijaarameedha jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa hiriirri deeggarsaa magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffamuu ibsaniiru.
Qormaatilee gidduutti ciminaan dhaabbachuun injifannoon Hidha Haaromsaa irratti argine dandeettiiwwan misoomaa magaalaa Dirre Dhawaa misooma biyyaaf oolchuuf jajjabina uuma jedhan.
Nageenyaa fi jaalala qofa osoo hintaane, misoomaa fi jijjjiiramaaf hojjechuunis ibsituuwwan magaalattii ta’uu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.