Hidhi Haaromsaa wanta hin danda’amu jedhame hojjetanii xumuruun akka danda’amu kan agarsiiseedha- Obbo Dastaa Leedaamoo
Finfinnee, Fulbaana 13, 2018(FMC) – Hidhi Haaromsaa wanta hin danda’amu jedhame hojjetanii xumuruun akka danda’amu kan agarsiiseedha jedhan Pirezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoon.
Eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun hiriirri deeggarsaafi gammachuu ibsannaa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffameera.
Obbo Dastaa Leedaamoon ergaa hiriira kanarratti dabarsaniin, ijaarsa Hidhichaaf Itiyoophiyaanonni hundi hanga humna isaanii deeggaruu yaadachiisan.
Ashaaraa hundaan kan ijaarame Hidhichi ejjennoo tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa waloon dandeenyeerra jedhu kan agarsiisedhas jedhan.
Yeroo itti aanuttis yaadama waloon ni dandeenya jedhuun kaka’umsaafi kutannoo Hidha Haaromsaa irratti mul’ate dameewwan misoomaa biroorratti dabaluuf irree gamtoomeen ka’uun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.