Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa xumuramuun injifannoo guddaa Afrikaanota si’oomseedha – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) – Hidhi Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa xumuramuun injifannoo guddaa Afrikaanota si’oomseedha jedhe Ministeera Dhimma Alaa.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon haala waqtaawaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Hidhi Haaromsaa miira danda’uu gara gochaatti kan jijjiire, Afrikaanota biratti si’oomina olaanaa kan uumeedha jedhan ibsa isaaniin.

Eebbifamuun hidhichaa qalbii hawaasa addunyaa fi miidiyaalee idil addunyaa haalan hawwachuu kaasan.

Xumuramuun isaa Afrikaanoota biratti irra deebiin si’oomina olaanaa kan uume, milkaa’inni dippiloomaasii kan itti mul’ateedha jechuun eeran.

Itiyoophiyaan Piroojektoota jajjaboo eegaltee xumuruu akka dandeessuu fi muuxannoon hoggansaa kan itti argameedha jedhan.

Hariiroo dippiloomaasii Itiyoophiyaan naannawicha waliin qabdu caalmaatti kan guddisu ta’uu eeran.

Itiyoophiyaan Yaa’ii 2ffaa qabeenya qilleensaa Afrikaa fi Walgahii Biyyoota Kaaribiiyaanii keessummeessuun hojii bu’aa qabeessa raawwachuu kaasan.

Yaa’ii 80ffaa Mootummoota Gamtoomanii yeroo itti aanu gaggeeffamu keessatti Itiyoophiyaan hirmaannaa cimaa ni taasifti jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.