Fana: At a Speed of Life!

Hidhi qooqaa humnaa ol waan guuteef bishaan gadi lakkifama – Ministeera Bishaanii fi Inarjii 

Finfinnee, Hagayya 7, 2017(FMC) – Rooba cimaa ganna kana roobaa jiruun Hidhi Qooqaa hamma bishaanii qabachuu qabuu ol waan qabateef boruu irraa eegalee hidhicha hir’isuuf bishaan baay’inaan waan gadi dhiifamuuf akka of eeggatan Ministeerri Bishaanii fi Inarji beeksise.

Ministeerichatti Itti gaafatamaa Deeskii Bishaan Dachee Mikaa’el  Birhaanee Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti humni bishaan qabachuu hidhaa Qooqaa olka’iinsa meetira 110.3 qofa yoo ta’u, hanga ammaatti meetira 109.1 qaqqabeera.

Kanaafuu hidhichi humnaa ol waan guuteef miidhaa osoo  hingeessisin irraa hir’isuuf gadi lakkifama jedhan.

Adeemsa kanaan  Warshaan Sukkaaraa Wanjii, Giddu galli Qorannoo Qonnaa Malkaassaa, Juusii Afrikaa, Agiroo Indaastirii Awaash, Waayinarii Awaash, Waarshaan Sukkaaraa Matahaaraa fi naannawa sanaa akka of eeggatan akeekkachiiseera.

Dabalataan aanaalee laga Awaash fayyadaman Adaamaa, Malkaasaa, Boosat, Jajuu, Martii fi Giddugala Awaashitti Misoomni Qonnaa Ambeeraa fi Aanaa Ambeeraa akka ofeeggannoo taasisan manni hojichaa ergaa akeekkachiisaa dabarseera.

Abeel Niwaayiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.