Fana: At a Speed of Life!

Hidhichi fayyadamummaa waloo kan mirkaneessuudha – Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammud

Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa fayyadamummaa waloo kan mirkaneessuudha jedhan Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud
Guddinni naannichaa kan dhugoomu falmiin osoo hin taane tumsaani jedhan.

Waggoota 14 darbaniif hirmaannaa xiiqii, miira tokkummaa, ijifannoo, gaabbii barootaa jijjiiruuf murannoo fi sabdaneessummaa Itiyoophiyaanotaa kan keessummeesse Hidhaan Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa har’a eebbifameera.

Sirna eebbichaarratti kan argaman Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud, Piroojektichi fayyadamummaa waloo kan mirkeessu jechuun ibsan.

Somaaliyaan tumsa biyyoota naannawichaa cimsitee kan barbaaddu ta’uu kan eeran Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammud, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiirratti biyyoota ollaa waliin qindoominaan ni hojjetti jedhan.

Piroojektii guddaan kun Somaaliyaaf carraa guddaa ta’uu hubachiisan.

Ummataa fi Mootummaa Itiyoophiyaa cichoominaan hidhicha milkeessaniin baga gammaddan jedhan.

Abeel Nawaayiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.