Himaammanni maallaqaa qaala’insa gatii gara dijiitii tokkootti gadi buusuu irratti xiyyeeffata – Dooktar Iyyoob Takkaallinyi
Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018 (FMC) – Imaammanni maallaqaa naamusa guddaan kan hogganamuu fi dhawaataan qaala’iinsa gatii gara dijiitii tokkootti hir’isuu irratti kan xiyyeeffatu dha jedhan Bulchaa Olaanaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi.
Dooktar Iyyoob Takkaallinyi yaa’ii Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) cinatti dureeyyii Awurooppaa, Ameerikaa fi Afrikaa waliin maree bu’a-qabeessa geggeessaaniiru.
Waltajjii maree Baankiin Istaandaardi qopheesse kana irratti dhimmoota imaammataa fi dinagdee Afrikaa irratti bal’inaan mari’ataniiru.
Hojiiwwan fooyya’iinsa dinagdee gooroo, haala guddinaa fi carraawwan kuufamoo inveestimeentii ilaalchisee ibsa bal’aa kan dhiyeessan yoo ta’u, gaaffilee dureeyyiin kunniin haala dinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisee kaasaniif ibsa ga’aa kennanniiru.
Kanaanis tasgabbii dinagdee gooroo itti fufsiisuuf, seekteroota maallaqaa ammayyeessuu fi amantaa dureeyyii guddisuuf Baankiin Biyyaalessaa tattaaffii hedduu gochaa akka jiru ibsaniiru.
Hammattummaa faayinaansii babal’isuu fi sirni sharafa alaa gabaa irratti hundaa’e hojiirra ooluus hubachiisaniiru.
Imaammanni maallaqaa Baankii Biyyaalessaa naamusa olaanaan kan hogganamuu fi qabiinsa herregaa qindaa’aa hordofuun dhawaataan qaala’iinsa gatii gara dijiitii tokkootti gadi buusuu irratti kan xiyyeeffate, guddina cimaa fi bal’aa deggeraa kan jiru ta’uus mirkaneessaniiru.
Yaa’ii waggaa Baankii Addunyaa fi IMF irratti tumsa idil addunyaa cimsuuf, iftoomina imaammataa uumuuf akasumas Itiyoophiyaan bakka ga’umsa inveestimeentii filatamaaf fi dorgomamaa akka taatuuf carraa kan uume ta’uun eerameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna