Fana: At a Speed of Life!

Himatamtoonni karaa seeraan alaan namoota daddabarsuun himataman 600 ol ta’an adabbii hanga waggaa 25 adabaman

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC) –Himatamtoonni karaa seeraan alaan namoota daddabarsuun sadarkaa Federaalaa fi naannoleetti himataman 610 adabbii hanga waggaa 25 adabaman.

Walga’iin waggaa Godaansa biyyaalessaa bakka Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI obbo Tamasgeen Xurunaan argamanitti gaggeeffameera.

Karaa seeraan alaan namoota daddabarsuun walqabatee namoonni badii raawwachuu isaanii mirkanaa’e 610 adabbii hanga waggaa 25 adabamuu gabaasni walga’icharratti dhiyaate ifoomseera.

Sadarkaa naannootti himatamtoonni 583 adabbii waggaa 10 hanga 21, sadarkaa Federaalaatti ammoo namoonni 27 adabbii waggaa 12 hanga 25 adabamuu eerame.

Namoonni 5 ammoo adabbii umrii guutuu adabamuu ibsame.

Namoonni biyyoota alaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 90 gara biyyaa deebi’aniiru.

Hojii bobbii alaa hojjetameen lammiileen kumni 400 fi kumni 42 ol Saa’udi Arabiyaa, Yoordaanoos, Emireetoota gamtoomanii fi Kuwaataaritti carraa hojii argataniiru.

Leeyikuun Alemtu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.