Fana: At a Speed of Life!

Hirkattummaa boba’aa hir’isuuf ….

Finfinnee, Bitootessa 21, 2018 (FMC) – Hirkattummaa boba’aa hir’isuufi diinagdee magariisaa ijaaruuf anniisaa haaromfamaatti fayyadamuun dhimma filmaata biraa hin qabnedha jedhe Ministeerri Bishaaniifi Inarjii.

Ministir Deetaan Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Sulxaan Walii, rakkoon sababa muddama Giddugaleessa Bahaan uumame bu’a qabeessummaa diinagdee boba’aa irratti hirkatee gaaffii keessa kan galchedha jedhan.

Hirkattummaa boba’aa hir’isuuf misooma anniisaa haaromfamaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu hubachiisuun, gatiin boba’aa yeroo yeroon dabaluun fi argachuuf rakkisaa ta’aa dhufuun anniisaa haaromfamaa irratti hojjechuuf carraa uuma jedhan.

Akka biyyaatti boba’aa irra darbee filmaatawwan anniisaa haaromfamaa biroo fayyadamuun baasii boba’aaf bahu hir’isuun dadammaqiinsa diinagdeef qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Anniisaawwan haaromfamaa keessaa soolaariin tokko ta’uu kaasanii, akka biyyaatti qajeelfama anniisaa haaromfamaa fayyadamuuf dandeessisu gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.