Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaa misooma qonnaa Horsiisee Bultoota Naannoo Afaar jijjiirama qabatamaa fide

Finfinnee, Fulbaana 3, 2018 (FMC) – Tattaaffiin bal’aan Horsiisee Bultoonni Naannoo Afaar misooma qonnaarratti taasisaa jiran jijjiirama qabatamaa fide jedhe Biiroon Kominikeeahinii naannichaa.

Jijjiiramaan booda seeneessa ture jijjiiruun hojii misooma qonnaarratti hojjetameen bu’aa olaanaan galmaa’uu hogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa obbo Mahaammad Alii Bii’idoon Faanaa Dijiitaalitti himaniiru.

Godinaalee naannicha hunda keessatti oomishaaleen kana dura hin baramne kanneen akka Qamadii, Xaafii, Boqqoolloo, Muuzii, Paappayyaa, Burtukaannii fi kuduraaleen biroon oomishamuun bu’aa gaarii argamsiisuu dubbatan.

Horsiisee Bultoonni naannichaa haala jireenyaa waggootaaf keessa turan jijjiiruun gara Qonnaan Bulaatti geeddaramuu eeran.

Kana hordofee Horsiisee bultoonni kunneen eeggattummaa keessaa bahuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.

Oomishaa fi oomishtummaa caalmaatti guddisuuf mootummaan naannichaa deeggarsaa fi hordoffii barbaachisu hunda gochaa jira jedhan.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.