Hirmaannaan hawaasni misooma keessatti mul’isaa jiru jijjiirama qabatamaa fideera – Hayyoota
Finfinnee, Hagayya 14, 2017(FMC) – Tarsiimoo misoomaa mootummaan hojiirra oolchaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasni dammaqinaan mul’ise jijjiirama qabatamaa fideera jedhan hayyoonni damee misooma dinagdee.
Yuunivarsiitii Arsiitti Diiniin Muummee Barnoota Bizinasii fi Ikonoomiksii Dooktar Massalaa Qumillachoo Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, mootummaan guddina biyyaa dhugoomsuuf tarsiimoowwan misoomaa hojiirra oolchaa jiru keessatti hawaasa bal’inaan hirmaachisuun wal amanataa fi tumsa mootummaa fi uummata gidduutti dagaagsa.
Kun ammoo hawaasni qabeenya biyyattiin qabdu abbummaan kunuunsuu fi eeguun qusannaan akka itti fayyadamuu fi qoodiinsi qabeenyaa haqa irratti hundaa’e akka jiraatuuf gargaaras jedhan.
Hawaasni misoomaa fi siyaasa keessatti carraa hirmaachuu bal’aa argate ammoo dhimma isaa fi dhimma biyyaa murteessuu keessatti aangeffamuun jaalala biyyaa akka horatus ibsaniiru.
Ogeessi Misooma Dinagdee obbo Ittafaa Dhibbaa gama isaaniin, hirmaannaan hawaasni misooma keessatti mootummaa cina dhaabbatee mul’isaa jiru kun miira abbummaa itti horuun hirmaannaa caaluuf kan kakaasu ta’uu dubbatan.
Tumsi mootummaa fi hawaasa gidduutti hojiiwwan misoomaa gurguddaa irratti mul’achaa jiru kun sadarkaa dhuunfaa irraa jalqabee haala jireenyaa fooyyessa, hawaasa fayya buleessa guddina biyyaa keessatti dammaqinaan hirmaatu uumas jedhan.
Akka fakkeenyaattis Hidha Haaromsaa Guddichaan, Sagantaa Ashaaraa Magariisaan, pirojeektota gurguddoo Sadarkaa mootummaatti hojjtemaa jiran biroo, Inniisheetiiviiwwan Misoomaa adda addaa fi sagantaa Maaddii Guutuu irraa bu’aaleen qabatamaan galmaa’uu eegalanis jijjirama tumsa kanaan galmaa’e akka ta’an eeraniiru.
Dhaloonni haaraanis kanarraa aadaa tokkoomuu fi waltumsuu, dudhaa ni danda’amaa fi waan haaraa kalaquu, wal amantaa fi waliin murteessuu horachuun boruuf biyya ceesisuuf muuxannoo akka irraa baratus kaasaniiru.
Muuxannoon gama kanaan argame kun misooma caalu fiduuf akka ka’umsaatti kan gargaaruu fi rakkoo kamiyyuu wal hubannaa fi walmareen furuun akka danada’amu kan irraa baratamuu qabu ta’uu eeraniiru.
Keessumaa paartileen morkattootaas jijjiirama dhufaa jiru kana caalmaatti galmeessisuun guddina biyyaa dhugoomsuuf garaagarummaa yaadaan utuu hindaangeffamin tumsuu akka qabanis hayyoonni dinagdee kunniin hubachiisaniiru.
Ammas muuxannoo darbe irraa barachuun bu’aa caalu galmeessisuuf mootummaan haala kam keessattuu hawaasa hirmaachisee tumsa eegalame kanaan guddina biyyaa waaraan mirkaneessuun akka barbaachisus dhaamaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.