Hogganaa Hafuuraa haaraa Iraan Moojtaabaa Haameenii
Finfinnee, Guraandhala 30, 2018 (FMC) – Haleellaa Misaa’elaa Iraan irratti raawwatameen dhiyenya kana kan ajjeefaman Hogganaa hafuuraa Ayaatolaa Alii Haameenii bakka bu’uun ilmi isaanii 2ffaan Moojtaabaa Haameenii filatamaniiru.
Abbaan umrii waggaa 56 Moojtaabaa Haameenii hanga ammaatti tajaajila mootummaa kamuu kan hin kennin, addabaabaayittis haasawa geggeessanii kan hin beekne yoo ta’anis, dhibbaa isaan Siyaasa biyyattii keessatti qaban guddaa akka ta’e himama.
Bara Faranjootaa 1969 Kaaba Bahaa Maashaahaaditti kan dhalatan Moojitaabaa Haameenii, barnoota sadarkaa 2ffaa Mana Barumsaa Alaavii Teeraan keessatti argamutti baratan.
Akka gabaasa midiyaalee Iraanitti, Moojtaabaa Haameenii umurii isaanii 17 tti raayyaa ittisaatti makamuun waraana Iraanii fi Iraaq waggaa 8f geggeeffame keessatti biyya isaanii tajaajilaniiru.
Bara 1999tti ammoo gara magaalaa qulqulluu Iraan jedhamuun beekamtu Qoom imaluun barnoota hafuuraa Shi’aa hordofaniiru.
Wayita Iraan hogganaa ishee waggaa 36 dhabdee fi rakkoo keessa seente kanatti Moojtaabaa Haameenii abbaa isaanii bakka bu’uun Hogganaa Hafuuraa Iraan ta’uun filatamuu danda’aniiru.
Mojitaabaa Haameenii imaammata abbaa isaanii akka itti fufsiisan tilmaamamus, kaan ammoo haleellaa qindaa’aan Ameerikaafi Isiraa’el rakkoo keessa isaan seensisa jechuun sodaa qaban ibsaa jiru.
Abbaa, haadha, haadha warraa fi ilma isaanii haleellaa sanaan kan dhaban yoo ta’u, ofumaayyuu xiyyeefannaa sana keessa galuu maluun sodaatama.
Yeroon isaa rakkisaa itti ta’us, lammiileen Iraan hedduun biyyattii rakkoo kana keessaa baasuu danda’u jedhanii abdachuun gammachuu isaanii ibsachaa jiraachuutu himama.
Gariin ammoo hoggansi hafuuraa kun beekumsa hafuuraa bu’uura iraa kan gaafatu ta’ee utuu jiruu aangoo abbaa irraa gara ilmaatti dabarsuun sirrii miti jechuun qeeqaa akka jiran gabaasaaleen ni mul’isu.
Ga’umsi isaanii hojiin kan hin ilaalamne waan ta’eef amantaa nama hundaa argachuu hindanda’an jechuun muudama isaanii ceepha’amaa jira.
Abeel Niwaayiin
#Oromia #Ethiopia