Hogganaan waraana Liibiyaa balaa xiyyaaraa Turkitti qaqqabeen du’an
Finfinnee, Mudde 15, 2018 (FMC) – Hogganaan waraana Liibiyaa balaa xiyyaaraa Turkitti mudateen du’uu Ministirri Muummee Liibiyaa beeksisan.
Jeneraal Mohaammad Alii Ahimad al-Haddad fi namoonni afur waliin Kibxata galgala xiyyaara Faalkoon 50 jedhamuun magaalaa guddoo Turk Ankaaraarraa balali’aa ture keessa turan.
Ministirri Muummee Liibiyaa Abdul Hamid Dibeybeh Liibiyaan ”namoota garaa qulqulluun of kennanii biyya isaanii tajaajilan dhabde” jedhan.
Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Turkii Alii Yerlikaayaan barreeffama X irratti maxxansaniin, jeettii daldalaa kun buufata xiyyaaraa Ankaaraa irraa erga ka’ee daqiiqaa 42 booda mallattoon xiyyaarichi balali’a jiraachuu akeeku baduu dubbatan.
Jeettiin gara Tiriipooliitti balali’u kun osoo quunnamtiin isaa addaan hin citiin dura muddamaan deebi’e qubachuu akka barbaadu gaafate ture.
Boodarra caccabaan xiyyaarichaa kibba-dhiha Ankaaraatti kan argame yoo ta’u, amma maaltu balaa kanaaf sababa akka ta’e adda baasuuf qorannoon gaggeeffamaa jira.
Yerlikayaan boodarra barreeffama X irratti barreessaniin, poolisiin caccabaa xiyyaarichaa naannoo ollaa Kesikkavak, bulchiiinsa Haymanaatti argamutti akka argee barreessan.
Ministirri Muummee Liibiyaa, Abdul Hamid Dibeybeh Jeneraal Haddad fi qondaalonni olaanoo waraana Liibiyaa biroo jeettii sana keessa turan du’uu ibsan.
Ministirri Muummee biyyattii Libiyaaf kun ”kasaaraa guddaadha” jechuun Liibiyaan ”namoota garaa qulqulluun of kennanii biyya isaanii tajaajilan dhabde’ jedhan.
Jeneraal Haddaad fi gareen isaanii marii tumsa waraanaa fi nageenyaa biyyoota lamaanii daran cimsuuf kaayyeffatef Turk dhaquu BBCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.