Fana: At a Speed of Life!

Hoggansa itti aanan oomishuuf dargaggoota irratti hojjetamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gaaffiifi deebii taasisaniin, hojii dargaggoota irratti hooggansa itti aanuu oomishuuf hojjetamaa jiru ibsaniiru.

 

Ibsa kennaniin, hoggantoota bakka bu’an gahaa ta’an oomishuu yoo dadhabne, bu’aan hanga ammaatti galmaan ga’aa turre adda akka citu dubbataniiru; qaawwi hoggansaa ni jira; gufuun imalaa ni jira; bu’aan isaas galma hinga’u jedhan.

 

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad akka jedhanitti, safartuun hooggansa tokkoos, namoota bakka bu’oota gahaa ta’an qopheessuu fi uumuu danda’uu isaati; dargaggoo qopheessuun barbaachisaa ta’uun qabatamaan beekamaa dha.

 

Kana waan hubannuuf, humna jibichaa fi tooftaa qotiyyoo walitti makuun gidiraa uumamu kan mo’annu jedhan.

 

Egeree yaada keessa galchuun mootummaanis ta’e paartiin hojii fi leenjii dargaggoota irratti hundaa’e irratti xiyyeeffachuu isaanii eeraniiru.

 

Kaabinee hoogganan keessatti hirmaannaan dargaggootaa jiraachuu eereeranii, karaa karoirfameen dargaggoota biyya ceesisan horachuuf hojjachaa jirra jedhan.

 

Hoggansi beekumsa qofa osoo hin taane dandeettii fi ogummaa akka ta’e hubachiisanii, kanaaf ammoo gadi bu’uu fi ol ba’uun daandii kana keessa darbuun barbaachisaadha jedhan.

 

Gara fuulduraatti dhimmi hooggansaa Itoophiyaa ni yaaddeessa jechuun sodaa akka hin qabnes dubbataniiru.

 

Yohaannis Darriboon

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.