Hoggantonnii fi Miseensonni Raayyaa Ittisaa Biqiltu Ashaaraa Magariisaa dhaaban
Finfinnee, Adoolessa 9, 2017 (FMC)- Hoggantonni fi Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa biqiltuu Ashaaraa magariisa dhaaban.
Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Sagantaa ashaaraa magariisaa Mooraa Qajeelcha waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti eegalchiisaniiru.
Fiildi Maarshaal Birhaanuun wayita kanatti , Raayyaan ittisaa kanaan duras saganticharratti hirmaachaa turuu kaasuun, raayyaan ittisaa bakka jiru hundatti har’a irraa eegalee sagantaa dhaabbii biqiltuu ni gaggeessuu jedhan.
Haaluma kanaan sagantaa Ashaaraa magariisaa gannaan biqiltuu miiliyoona 18 dhaabuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Saganticharratti Hoggantoonni olaanaa raayyaa ittisa biyyaa, Miseensonni Raayyaa fi Ataasheewwan biyyoota garaagaraa dabalatee keessummonni waamichi taasifameef aragamaniiru.
Dabalatanis hojiilee tajaajila lammummaa mata duree’’Kaampii keenyaa gara ummata keenyatti” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.
Yashaambal Mihiratitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo