Hoggantoonni fi Hojjettonni Biiroolee Oromiyaa Duula dhaabbii biqiltuu gaggeessan
Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC)- Hoggantoonni fi Hojjettonni Biiroolee Oromiyaa garaagaraa Duula guyyaa tokkoon biqiltuuwwan 700 dhaabu gaggeessaniiru.
Haaluma kanaan Hoggantoonnii fi Hojjettonni Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa, Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa fi Seektaraaleen fi Biiroolee mootummaa naannoo Oromiyaa garaagaraa biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.
Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaan, hojiin Ashaaraa magariisaa qabeenya uumamaa kunuunsuun bakkatti deebisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas dhaabbii biqilaa,hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaan uummatni akka duudhaa isaatti deebi’uuf hojjechaa jiraachuu eeruun,biqiloonni nyaataaf oolaniifi madda galii ta’uu danda’anis dhaabamaa jiraachuu obbo Hayiluun dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.