Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon Mooraa Buufata Tamsaasa Raadiyoo dhaabbatichaa Raphii keessa biqiltuu dhaaban.

Sagantaan kun qaama Imala Itiyoohiyaa himnaa keessaa isa tokko jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii obbo Admaasuu Daamxoon.

Sagantichi carraa dirqama lammummaa keenyaa itti baanu jedhan hojjettoonni dhaabbatichaa.

Faanaan filannoowwan miidiyaa isaa hundaan sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 700 dhaabuu bal’inaan tamsaasurra darbee kallattiin hojicha keessatti hirmaachuus kaasaniiru.

Biqiltuuwwan dhaaban kunuunsuun imala Itiyoophiyaa magariisa uwwisuu keessatti qooda isaanii kan bahan ta’uu dubbatan.

Heenook Lammeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.