Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi hojjettoonni FMC Magaalaa Wandoo Gannatitti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 22, 2017 (FMC) –Hoggantoonnii fi hojjettoonni Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Naannoo Sidaamaa Godina Kaaba Sidaamaa Magaalaa Wandoo Gannat gaara Noolee irratti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaaban.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti hoggantootaafi hojjettoota Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii dabalatee hoggantoonnii fi hawaasni magaalichaa argamaniiru.

Hogganaan Waajjira Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiin obbo Adooniyaas Walda’aragaay, Faanaa Miidiyaa Korporeeshin ergama dhaabattummaa isaa dabalataan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaafi hojiin Tajaajila Lammummaa Gannaan sadarkaa biyyaatti wayita eegalerraa kaasee Arjooma dhiigaa, dhaabbii biqiltuufi haaromsa manneen namoota harka qalleeyyii irratti hirmaachaa akka ture yaadachiisaniiru.

Sagantaan dhaabbii biqiltuufi haaromsa manneen harka qalleeyyii guyyaa har’aas qaama itti gaafatamummaa biyyaalessaafi hawaasummaati jedhan.

Hoggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbatichaa yeroo itti aanuttis hojii kana cimsanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.

Gorsaan Addaa Kantiibaa Bulchiinsa magaalichaa obbo Sixootaawu Bagayyahu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniin karoora bulchiinsi magaalichaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa nu waliin dhaabuuf asitti waan argameef ni galateeffanna jedhan.

Biqiltuu bara kana akka magaalichaatti mataduree “Dhaabuun Bayyanachuu” jedhuun biqiltuu kuma 200 ol dhaabuuf karoorfanne milkeessuuf waan asitti argamtaniif baayee gammanneerra jechuun ibsan.

Haaluma walfakkaatuun hoggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbatichaa Magaalaa Wandoo Gannat Ganda Keellaa 01’tti hojii tajaajila lammummaa gannaan haaromsa manneen namoota harka qalleeyyii eegalchiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.