Hoggantoonniifi hojjettoonni Biirolee Oromiyaa Injifannoowwan Bitootessa 24 sababeeffachuun sochii Ispoortii gaggeessan
Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Hoggantoonniifi hojjettoonni Biirolee Oromiyaa Injifannoowwan Bitootessa 24 sababeeffachuun dirree Ispoortii Calcaliitti sochii Ispoortii waloo gaggeessaniiru.
Gargaaraan Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kadir Mammoo wayita kana guyyaa injifannoo kana wayita kabajnu milkaa’inoota hunda galeessa gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi hariiroo alaatiin argaman kunuunfachaa, qormaatilee yeroo garagaraatti nu muudatan ammoo qabsoon irra aanuun injifannoo caalmaaf hojjachuu qabna jedhan.
Bitooteessi 24 aadaan siyaasaa Itiyoophiyaa akka jijjiiramuuf bu’uura cimaa kaa’uu fi biyya balaa diigumsaarraa baraaruus eeraniiru.
Daandii obbolummaafi sabdaneessummaatiin jijjiiramni hundagaleessi itti dhugoome ta’uus ibsuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Oromia #Ethiopia