Hoggantoonniifi hojjettoonni Itiyoo-Telekoom biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaaban
Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Hoggantoonniifi hojjettoonni Itiyoo-Telekoom duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon magaalaa Finfinneefi bakkeewwan garaagaraatti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.
Itiyoo-Telekoom ibsa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ergeen, dhaabbatichi tarsiimoo damee misooma magariisaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu dandeessisu bocuun hojjechaa jiru keessaa tokko ashaaraa magariisaa ta’uu ibseera.
Guyyaa har’aas duula guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 irratti hirmaachuu beeksiseera.
Dhaabbatichi teeknooloojii diijitaalaa addunyaan amma irra geese hawaasa biraan gahuun cinaatti dameewwan hedduu keessatti itti gaafatamummaa isaa bahachaa akka jiru yaadachiiseera.
Dabalataanis imala Itiyoophiyaan gara diinagdee magariisaatti taasistu deeggaruuf bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii ijaaraa jiraachuus hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.