Hoggantootaa fi Ogeeyyii beekumsa gahaa qaban horachuuf hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jira – Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Ebla 1 , 2017 (FMC) – Hoggantootaa fi Ogeeyyii beekumsa gahaa qaban horachuuf hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jira jedhan Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Leenjiin Paartiin Badhaadhinaa Damee Hariiroo Uummataa fi Idil Addunyaa hoggantootaa fi ogeeyyii kominikeeshinii damichaaf qopheesse Magaalaa Finfinneetti kennamuu eegaleera.
Dooktar Biqilaan leenjcharratti haasawaa taasisaniin, imala jijjiiramaa biyya kenyaa cimsuufi sadarkaa jiruu fi jireenyaa ummataa fooyyeessuuf beekumsaafi dandeettii yeroo madaalu fayyadamuun odeeffannoo, sobaa qolachuun odeeffannoo dhugaa dhaqabamaa taasisuu qabna jedhan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee Obbo Mogas Baalchaan gamasaaniin,barichi bara odeeffannoon teeknooloojiin qindaa’ee dhugaaf soba adda baasuun rakkisaa itti ta’ee ta’uu eeruun,kanaaf qophii kan barbaachisuu ta’uu dubbataniiru.
Paartichi yaadama ida’aamuun seenessa waloo ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, dhugaa kana beekumsaa fi ogummaan beeksisuun akka barbaachisuu akeekuu TOI gabaaseera.