Fana: At a Speed of Life!

Hojii Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjette biyyoota biraaf fakkeenya kan ta’udha- FAO

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC) – Hojii Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi Maaddii Guutuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjette biyyoota biroof fakkeenya kan ta’udha jedhe Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa.

Ministeerri Qonnaa dhaabbaticha waliin ta’uun mata duree “Gamtaan sirna nyaataa fooyya’aa jireenya fooyya’aaf” jedhuun guyyaa nyaataa addunyaa kabajeera.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Iyyaasuu Eeliyaas wayita kana hojii Itiyoophiyaan waggoottan torban darban gama Ashaaraa Magariisaan hojjette misoomni bosonaa waaraan akka jiraatuufi fedhii nyaataa ishee akka guuttattu dandeessiseera jedhan.

Sagantichi jijjiirama qabeenya qilleensaa kan dandamachiisu waan ta’eef cimee kan itti fufu ta’uus eeran.

Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aan Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa Faaraayi Zii Muudziin gama isaaniin, hojii Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaafi Maaddii Guutuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjette biyyoota biroof fakkeenya kan ta’udha jedhan.

Rakkoolee addunyaa qoraa jiran keessaa tokko hanqina nyaataa ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan rakkoo kana maqsuuf damee qonnaaf xiyyeeffannoo kennitee hojiin hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uus ibsaniiru.

Hamalmaal Waaleetu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama: t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.