Fana: At a Speed of Life!

Hojii Misooma Sululaa Kutaa Magaalaa Sulultaatti…

Finfinnee, Amajjii 15, 2018 (FMC) – Kutaa Magaalaa Sulultaatti hojii misooma Sululaa hawaasa hirmaachise hojjetamaa jira.

Kutaa magaalichaatti bara kana Sululoota adda bahan 4 keessatti gosoonni daagawwan adda addaa kiilomeetirri 25 ta’uu ni hojjetamu jedhame.

Istiraakcheroonni jiidhiinsa yaasan 840 m3 fi jiidhiinsa qusatan 450 kutaalee hawaasaa hirmaachisuun hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa kutaa magaalichaa obbo Girmaa Tolasaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Bara kana hojii eegumsa biyyoo fi bishaaniif xiyyeeffannoon addaa kennamaa hojjetamaa jira jedhan.

Hojiin har’a eegale kun guyyoottan 60 itti aananiif mata duree ”kunuunsafi eegumsa qabeenya uummamaa ol ka’iinsa biyyaaf” jedhuun itti fufiinsaan kan hojjetamu ta’uu ibsan.

Biqiltuuwwan ganna darbe keessa dhaabbataniis hojiin kunuunsuu hojjetamaa jiraachuu kaasan obbo Girmaan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.