Fana: At a Speed of Life!

Hojii qe’ee moodela Tulluu Araaraatti hojjetame iddoowwan birootti babal’isuuf hojjetamaa jira- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Amajjii 5, 2018 (FMC) – Hojii qe’ee moodela Tulluu Araaraatti hojjetame iddoowwan birootti babal’isuuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad tibba darbe qe’ee moodela qindaa’aa Tulluu Araaraa eebbisiisuun isaanii kan yaadatamudha.

Qe’echi abbootii warraa 35 kan hammate yoo ta’u misooma magaalaafi baadiyyaa walitti qindeessuun jireenya hawaasichaa fooyyessuuf karoorfamee kan ijaarame ta’uu Aadde Caaltuu Saaniin ibsaniiru.

Jiraattonni qe’echaa kuduraalee akka misoomsaniifi loon guyyaatti aannan liitira 15-20 kennuu danda’an akka horsiisaniif haalli mijeeffamuu eeraniiru.

Oomisha oomishaniin nyaataan of danda’uurra darbee hawaasa naannichaatti gurguruun fayyadamoo akka ta’aniif hojjetamuu kaasaniiru.

Lammiilee qindeessuun fi iddoowwan garaagaraatti haala baasii qusatuun lammiilee harka qalleeyyiifi qaama miidhamtoota fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiras jedhan.

Keessumaa hojiilee tola ooltummaa jijjiiramaan booda hojjetamaniin walitti dhiyeenyi hawaasummaa guddachuu kaasaniiru.

Hojii magaalota ammayyeessuuf hojjetameen hojiin misooma kooriidarii magaalaa Finfinneetti eegale magaalota 70 ol keessatti hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, kunis magaalota ammayyeessuurra darbee lammiilee fayyadamoo taasisuu ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun misoomni kooriidarii baadiyyaa hojiirra oolaa jiraachuu fi hojii qe’ee moodela qindaa’aa Tulluu Araaraatti hojjetame iddoowwan biroottis babal’isuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Natsaannat Tsaggaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.