Fana: At a Speed of Life!

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Teeleeviizhiinii ‘EBS’ du’aan boqotan

Finfinnee, Guraandhala 4, 2018 (FMC)- Hojii Raawwachiisaa Olaanaa fi Hundeessaan Teeleeviizhiinii ‘EBS’ Obbo Amaan Fissahaatsiyoon du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Obbo Amaan dhibee isaaniirra buleen yaalamaa turuun guyyaa har’aa lubbuun isaanii darbuun Teeleevizhiiniin EBS ibseera.

Obbo Amaan Fissaahatsiyoon guddina miidiyaa Itiyoophiyaa fi milkaa’ina EBS’f gahee olaanaa bahataniiru.

Faanaa Miidiyaa Korpooreeshiniis du’aan boqochuu obbo Amaan Fissahaatsiyooniin gadda itti dhagame ibsuun, Maatii fi Firoottaniif jajjabina hawweera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.