Fana: At a Speed of Life!

Hojii sanyii loon Booranaa baay’isuu xiyyeeffannaan hojjetamaa jiru…

Finfinnee, Sadaasa 15, 2018(FMC) – Yuunivarsiitiin Odaa Bultum qorannoo fi qo’annoo irratti hundaa’uun sanyii loon Booranaa baay’isaan jira jedhe.

Itti gaafatamaan giddugala horsiisa beeyladaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum obbo Sisaay Lammaa Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, Yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinattii fayyadamummaa hawaasa naannichaa guddisuuf qorannoo fi qo’annoon deggeramee sanyii loon Booranaa baay’isaa jira.

Raaddeen loon Booranaa baay’isuun hawaasa naannoof raabsaa jiraachuu kan dubbatan obbo Sisaay, kunis sanyiin loon kanneenii akka hinbanneef tursiisuuf kan fayyadu ta’uu himan.

Mala namaan loon diqaalomsuu fayyadamuun raaddeen baay’isuuf laabraatoorii sanyii kormaa hundeessuuf hojjatamaa jiras jedhan.

Barsiisaafi Ittii gaafatamaan Muummee Saayinsii Beeyladaa Aliyyii Kadiir gama isaaniin hojiin kun hawaasa fayyaduu fi sanyii tursiisuun cinatti barattoonni barnoota dareertti kennamuuf qorannoo fi qo’annoon dabaaluun beekumsa qabatamaa akka argataniif kan fayyadu ta’uu ibsan.

Yuunivarsiitichi fuulduratti hojii sanyii loon Booranaa baay’isuu fi loon aannanii sanyii fooyya’aa fi furdisa loonii qorannoon deeggarame babal’isuuf hojjetaa jiraachuu qindeessaa dhimmoota qorannoo qonnaa fi Diiniin Kolleejjii Qonnaa Sulxaan Usmaan FMC tti himaniiruu.

Nyaata beeyladaa madaalawaa ta’e bal’inaan oomishuun bu’aa beeyladoota irraa argamu daraan guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Hojii kana milkeessuufis Warshaa Qindeessa Nyaata Beeyladaa yeroo dhihotti hojittii galchuufis hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.