Fana: At a Speed of Life!

Hojii Tajaajila Lammummaa Ganna 2017n Naannoon Oromiyaa beekamtii argate

Finfinnee, Onkoloolessa17, 2018 (FMC) – Hojii tajaajila lammummaa
Gannaa bara 2017 hojjetameen Naannoon Oromiyaa badhaafamaa addaa ta’eera.

Hojii furtuu rakkoolee diinagdee fi hawaasummaa ta’e tajaajila lammummaatiin, naannoo Oromiyaatti baatii gannaatiin fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessu irratti xiyyeeffachuun hojii guddaan raawwatamaa tureera

Humnoota misoomaa qindeessuu fi hirmaannaa hawaasaa cimsuudhaan imala ijaarsa biyyaa dhugoomsuuf sadarkaa hundatt deeggarsaafi hordoffii itti fufiinsa qabuun hojiin bu’a qabeessi hojjatamaa turee jira.

Naannichatti sagantaa kanaan hojiin qarshii biliyoona 100 fi biliyoona 28 olitti tilmaamamu kan hojjetame yemmuu ta’u, namooti miliyoona 57 ol hirmaachuu fi lammiileen miliyoona 36 ol fayyadamoo akka ta’an ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

Raawwii ol’aanaa damee hundaan galmeesseenis naannoon Oromiyaa sadarkaa biyyaatti beekamtii fi badhaasa argateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna‌‌

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.