Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee Ijoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy  baatii Caamsaa fi Waxabajjii hojjetan

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatii Caamsaa fi Waxabajjii hojiilee ijoo damee misoomaa, guddina teeknooloojii, dippiloomaasii tarsimawaa fi misooma waaraaf hojjetaa turaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy baatii kana mariin biyyaa fi aadaan siyaasaa ammayyaa guddataa akka deemuuf qooda fudhattoota garaagaraa waliin marii bal’aa taasisaniiru.

Dabalataniis Dooktar Abiy Ahimad pireezidaantii itti aanaa Naayijeeriyaa Kaashimaa Sheetimaan dabalatee qondaltoonni olaanoo akkasumas hawaasni dippiloomaatootaa bakka argamanitti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana eegalchisaniiru.

Baatichi kan eegalame Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Masaraa Biyyaalessaatti sagantaa Niishaana kabajaa  Itiyoophiyaa Biil Geet badhaasuuni .

Nishaaniin kabajaa kun Fawundeeshiniin Geetis waggoottan 25’n darban hojiileen  itiyoophiyaatti hojjetaman hojiilee guguddoo barroottaniif turanidha.

Fawuundeeshinichi damee Fayyaa, Qonnaa, tattaaffii Waraqaa eenyummeesaa Dijitaalaa milkeesuuf taasifamu walkabajuurratti kan xiyyeeffatee fi tumsarratti kan hundaa’e ta’uu Dooktar Abiy Kaasaniiru.

Sochii misoomaa ilaalchisee akkaataa jiruufi jireenya hawaasa baadiyyaa fooyyeessuuf hojiin misooma koriidarii baadiyyaa naannoolee hundatti babal’achaa jiru.

Haaluma kanaan baatii Waxabajjii Ministirri Muummee FDRI  Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Giddugalessa Itiyoophiyaa godinaalee garaagaraatti qaama misooma koriidarii kan ta’e ijaarsa  Mandara Moodeelaa baadiyyaa eegalchisaniiru.

Mandaroonni moodeelaa baadiyyaa salphaa baasii kan hin gaafannee galteewwan naannawichati argamirraa  kan ijaaramaanii fi qonnaan bulaan jireenyaa fayyaalessa akka jiraatuuf kan dandeesisuudha.

Hojiilee misooma Qonnaa naannawichatti hojjetamaa jiranis daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin, naannawaa kanaan dura lolaa fi hongeen beekamaa turan gara fakkenyummaa misoomaatti ce’uu ilaalaniiru.

Naannawaalee kanneenitti Boqqolloo akkasumas kuduraa fi Muduraan hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessoodha.

Hojiilee gurguddoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatii Waxabajjii keessa hojjetan keessaa tokko turtii Televizhiinii Itiyoophiyaa waliin taasisan yoo ta’u, waggoottan torban darban damee hundaan milkaa’inoota galmaa’aniifi rakkoolee mudatan akkasumas tarkaanfiiwwan rakkoolee kana keessaa bahuuf fudhataman ibsaniiru.

Turtii miidiyicha waliin taasisaniin imalaa guddinaafi gahumsa badhaadhina Itiyoophiyaa akeekaniiru.

Hojii ijoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatii kana keessa hojjetan hojii dippiloomaasiiti.

Hojii dippiloomaasii Kanaan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad turtii abbaa qabeenyaa Naayijeeriyaa dameewwan invastimantii fedhiiwwan murteessoo Itiyoophiyaa guutuu dandeessisan irratti mari’ataniiru.

Akkasumas Jeneraal Maariin Koorpisii Ameerikaafi Ajajaa AFRICOM Jeneraal Maayikil Laangileey waliin fedhiiwwan waloo kan ta’an dhimmoota gam-lameefi naannawaarratti mari’ataniiru. Kana malees Daayrektara Olaanaa Ejensii Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa Maariyaanoo Giroosii waliinis mari’ataniiru.

Deeggarsi Ejensiin Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa Itiyoophiyaatti taasisu wal’aansaafi kunuunsa dhibee kaansarii, fayyaa beelladaa, dhabamsiisa tisiisa gammoojjii, niwukilar injinariingiifi hammattoowwan ta’oannoorratti kan xiyyeeffatanidha.

Mariin isaanis deeggarsoota taasifamaa jiraniifi carraalee tumsaa fuulduraarratti kan xiyyeeffate ture.

Gama biraan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatii kana keessa akka biyyaatti aadaan mariifi siyaasaa ammayyaa akka guddatuuf qaamolee qooda fudhattootaa ijoo waliin marii bal’aa gaggeessaniiru.

Haaluma Kanaan paartilee siyaasaa dorgomtootaa, bakka bu’oota ogeeyyii aartii, bakka bu’oota barsiisotaa,ogeeyyii miidiyaa, bakka bu’oota ogeeyyii fayyaafi qaamolee hawaasaa biroo waliin mari’ataniiru.

Adeemsa marichaan carraaleefi tarkaanfiiwwan gaarii dameelee garaagaraan jiran xiinxalamaniiru.

Dhimmi biraa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatii Waxabajjii keessa xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetaniifi kallattii kaa’an guddina damee teeknooloojiiti.

Haaluma kanaan bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Egzibiishinii  Dhaabbii Godaambaa Saayinsiitti  banameera.

Egzibiishiniin kun artifishaal intalajensii, jijjiirama qabeenya qilleensaafi deebii Itiyoophiyaa, qonna, humna bishaaniifi inarjii, eeroonootiksiifi aveeyshinii irratti kan xiyyeeffatan ramaddiiwwan bakka agarsiisaa shan qaba.

Kunis fedhii guddaa biyyattiin saayinsiifi teeknooloojii fayyadamuuf qabdu agarsiisa.

Dabalataanis galmi agarsiisaa akka biyyattiitti kan jalqabaa ta’eefi boca hawaa qabu ifoomeera.

Galmi kun meetir iskuweer meetirii 1000fi meetir diyaameetirii 36 irratti kan ijaarame yoo ta’u, teeknooloojii ammayyaa diijitaalaa ‘4k’ kan qabu.

Gama biraan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree “Dhaabuun Bayyanachuu” jedhuun eegalchiisaniiru.

Ashaaraan Magariisaa hojii faayidaa damee hedduu argamsiise yoo ta’u biqiltuu bara kana dhaabamu waliin biiliyoona 47 fi miiliyoona 500 ni gahaan eegama.

Kunis kan bara dhufu dhaabamu waliin biiliyoona 54 ni gaha.

Walumaagala Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatii kana dameewwan ijoon hojiilee bal’aa kan hojjetan, sadarkaa biyyaalessaatti dameewwan siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, eegumsa naannoofi diijitaalaafi kalaqaan tarkaanfii qabatamaan akka jiraatuuf murtoo kan itti dabarsan ture.

Hojiileen hundi guddina Itiyoophiyaa dhugoomsuufi barbaachisummaa sadarkaa idil-addunyaatti qabdu guddisuuf kan kaayyeffaman, hojiilee milkaa’ina qaban turan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.