Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatiwwan Muddee fi Amajjii keessa raawwatan

Finfinnee, Amajjii 25, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatiwwan Muddee fi Amajjii keessa hojiilee faayidaa biyyaalessaa kabachiisanii fi badhaadhina biyyaaf bu’uura ta’an raawwataniiru.

Biyya keessatti piroojektii misooma geejjibaa, hojiilee anniisaa haaromuu babal’isuu fi bakkeewwan ga’umsa tuurizimii haaraa dabalatee sosochiilee bu’aa qabeessa raawwataniiru.

Akkasuma hojiilee hariiroo naannawaa cimsanii fi fayyadamummaa waloo mirkaneessan hojjetaniiru.

Dhimmoota biyyaaleessaa fi hojilee misoomaa tarsiimawaa ta’an raawwataniiru.

Guyyaa hundeeffama Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa 75ffaa sababeeffachuun barreeffama qorannoo dhiyeessuun hayyoota yuunivarsiitichaa waliin mari’ataniiru.

Qa’ee moodeela Tulluu Araaraa eebbisaniiru.

Ijaarsa buufata xiyyaaraa idil addunyaa waggaatti imaltoota miiliyoona 60 keessummeessuu danda’u boqonnaa jalqabaa hojii eegalchiisaniiru.

Riifoormii diinagdee ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Riizoortii shabalee fi madda anniisaa Ayishaa -2 hojii eegalchiisaniiru.

Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa aanaa Gurra Fardaatti misooma Kooriidarii moodeela baadiyyaa daawwataniiru.

Aanaa Surmaatti Mana Barumsaa Waajjira Giiftii Dureen ijaarame eebbisaniiru.

Sadarkaa naannawaa fi idil addunyaattis hojiilee jajjaboo faayidaa biyyaalessaa mirkaneessan raawwataniiru.

Pireezidaantii Jiibuutii fi Somaaliyaa Buufata Xiyyaaraa Jigjigaatti simachuun waliin mari’ataniiru.

Akkasuma Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa daawwannaa hojiif gara Itiyoophiyaa dhufan Waangi Yii waliin dhimmoota hariiroo naannawaa fi idil addunyaarratti mari’ataniiru.

Ministira Dhimma Alaa fi Dhimmoota Misoomaa Yuunaayitiid Kiingidam Yiveet Kuupar waliin mari’ataniis mari’ataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.