Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Baatiwwan Waxabajjii fi Adoolessaa keessa raawwatan

Finfinnee, Adoolessa 26, 2017 (FMC) – Hojiilee Imaammata Biyyaalessaa, Riifoormii Diinagdee, Tarsiimoo Dippiloomaasii Naannawaa fi idil Addunyaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Baatiwwan Waxabajjii fi Adoolessaa keessa itti fufiinsaan raawwatan.

Hojiilee biyya keessatti raawwatan keessaa muraasni:-Raawwii hojii bara 2017 ilaalchisee gaaffii fi yaada Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aniif ibsaa fi deebii kennanrriru.

Yaa’ii Hoggantoota BRICS 17ffaarratti hirmaachuun hoggantoota biyyoota garaa garaa waliin marii tarsiimowaa tumsa waloo cimse taasisaniiru.

Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoota gamtoomaanii Itiyophiyaan qopheessite Misooma biyyaaleessaa guddisuu fi dhaga’amummaa Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti caalmaatti kan mirkaneesse ture.

Baatii Waxabajjii keessa karoora Raawwii hojii bara 2017 ilaalchisee yaadaa fi Gaaffii Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aaniif ibsaa fi yaada bal’aa kennaniiru.

Guddina Diinagdee Itiyoophiyaan galmeessite akkasumas hanqinaa fi cimina adeemsa Riifoormii Diinagdee Itiyoophiyaan hojiira oolchite ilaachisee ibsa kennaniiru.

Hojii dhabdummaa, galii, qaala’iinsa jireenyaa, dabalii gatii fi dhimmoota biroo ilaalchisee gaaffii ka’eef deebii kennaniiru.

Bara baajatichaa damee qonnaa, Indaastirii, Albuuda, Tajaajilaa, Faayinaansii, Daldala Alaa, fi kanneen biroon bu’aa jajjabeessan argamuu eeraniiru.

Hariiroo Dippiloomaasii fi haala qabatamaa yeroo ammaa Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu gaarii ta’uu himanii turan.

Gama biroon Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii 17ffaa BRICS irratti hirmaachuun hoggantoota biyyootaa fi Dhaabbilee Idil Addunyaa garaagaraa waliin marii waloo fi gamhedduu taasiisaniiru.

Dooktar Abiy yaa’icharratti haasawa baniinsaa taasisaniiru.

Dhimmoota nageenyaa, tumsa waloo, Misoomaa fi Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa fi kanneen birootti ibsa bal’aa godhan.

Akkasumas Baatii Adoolessaa keessa Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti gaggeeffameerratti hirmaachuuf hoggantootaa biyyoota fi dhaabbilee idil addunyaa gara Itiyoophiyaa dhufan waliin marii waloo taasiisaniiru.

Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, Ministira Muummee Xaaliyaanii Ji’oorjiyaa Meeloonii, Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad, kan Koomooroos Azaalii Asumaaniifi kanneen biroon waliin marii bal’aa taasisaniiru.

Dabalataan Itti Aantuu Barreessituu Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammadii simachuun waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad keessummoota yaa’icharratti hirmaataniif Masaraa Mootummaa biyyaalessatti Affeerraa Irbaataa taasisaniiru.

Waliigala Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Baatii Waxabajjii fi Adoolessaa keessa Imaammata Biyyaalessaa Gamaggamaniiru, Waltajjiiwwan Idil Addunyaa adda addaarratti hirmaachuun dhimmoota Dippiloomaasii irratti yaada cimaa kennaniiru.

Hojiileen kunneen guddina Itiyoophiyaa kan dhugoomsanii fi barbaachisummaa Tarsiimoo idil addunyaa caalmaatti guddisuuf kan kaayyeeffate hojiilee bu’aa qabeessa kan turan ta’uu Waajjirri Ministira Muummee himeera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.