Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee Misooma Koriidarii ejjennoo cimaan hojjetamaa jiru

Hojiin misooma kooriidarii keeyaa akkuma ajandaa riifoormii dinagdee biyyaa maddee irratti kaa’ame misooma magaalaa irratti ejjennoo keenya cimaa haammataa, waaraafi namarratti xiyyeeffatu ifatti kan mul’isu ta’eera.

Hojiin Finfinneen alatti magaalotii keenya garaagaraattis hojjetame kun sochii magaalaa kan fooyyesse, bakkeewwan uummataa deebisee kan gabbise, sochii dinagdee naannichaa kan cimseefi jijjiirama dandamannaa naannawaa kan guddisedha.

Carraaqqiin mandaroota jireenyaa walitti hidhuufi humna dinagdeefi hawaasummaa magaalotii guutuu biyyaattiitti argamanii baasuudhaan hojiirra oolfame kun mul’ata biyyaalessaa ifa ta’e agarsiisa.

Mul’atni kunis mul’ata magaalotii jireenyaaf mijawaa, dorgomaafi haammataa ta’anii guutummaa Itoophiyaatti misoomni walgitaafi badhaadhinni waloo itti mirkanaa’e taasisuudha – Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.