Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee qulqullina barnootaa eegsisuuf hojjetamaniin bu’aa jajjabeessaan galmaa’eera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 26, 2017(FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hojiilee qulqullina barnootaa eegsisuuf hojjetamaniin bu’aa jajjabeessaan galmaa’eera jedhan.

Biiroon Bulchiinsa Magaalichaa Yaa’ii Barnootaa Sadarkaa Magaalaa 32ffaa mata duree “ Beekumsaafi Ogummaan Dhaloota Horachuun Itiyoophiyaa Biyya Fakkeenyaa Ni Taasifna” jedhuun gaggeessaa jira.

Aadde Adaanech Abeebeen waltajjicharratti akka jedhanitti, bulchiinsi magaalichaa tarkaanfii dhaloota beekumsaafi ogummaan gahoome horachuuf dandeessisu fudhachaa jira.

Hojiileen cabiinsaa fi qulqullina barnootaa suphuuf dandeessisan bu’aa argamsiisuu kaasanii, dhaloota beekumsaafi ogummaan badhaadhe horachuuf maqaa gaarii manneen barnootaa ijaaruun fi barnoota teeknooloojiin deeggarame kennuun danda’amuus yaadachiisaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen haaromsaa fi ijaarsa manneen barnootaa,haala baruufi barsiisuu mijataa uumuu, sagantaa nyaata barattootaa fi kanneen biroon hojjetamuu eeraniiru.

Qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun keessumaa barnoota idileen duraan hojiileen dhaloota egeree ijaaruuf gargaaran hojjetamuu hubachiisaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalichaa Dooktar Zalaalam Mulaatuu gamasaaniin, xiyyeeffannoo bulchiinsi magaalichaa kenneen damee barnootaaf haalli mijataan uumamuu ibsan.

Bara barnootaa 2018’tti haala baruufi barsiisuu bu’aa qabeessa taasisuuf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu akka qabu dhaamaniiru.

Manneen Barnootaa hojii baruufi barsiisuuf mijataa akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Manneen barnootaatti nyaanni barattootaafi dhiyeessiin meeshaalee barnootaa gaggeeffamuun barattoonni baayinaan gara barnootaa akka dhufan taasisuus eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.