Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen damee teeknooloojiin hojjetaman sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’uu qabu

Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Hojiileen damee teeknooloojiin hojjetaman sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’uu akka qaban ibsame.

Turtii jilli Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu Faransaayitti taasise ilaalchisuun Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Artifishaal Intalajansii Itiyoophiyaa Dooktar Warquu Gaachanaan ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, damee Artifishaal Intalajansiin hojiilee rakkoo hiikaniifi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’an daawwachuu kaasaniiru.

Daawwannaa Kanaan galtee argachuu kaasanii, Istaartaappiirratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabnu hubanneerra jedhan.

Itiyoophiyaan hojiilee damee teeknooloojiin eegalte cimsitee kan itti fuftu ta’uus himaniiru.

Damee teeknooloojiin hojiilee qorannoofi qo’annoon deeggaramuun yoo hojjetame Itiyoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti akkamitti dorgomuu akka dandeessu barnoota fudhachuu ibsaniiru.

Bu’aa biyyoonni teeknooloojii fayyadamuun fidan daawwachuun keenya nutis damicharratti xiyyeeffannoon akka hojjennuuf nu gargaara jedhaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.