Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misoomaa Baaleetti hojjetame naannawaa hundaaf bu’uura – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018 (FMC) – Hojiileen misoomaa Baaleetti hojjetame Oromiyaa qofa osoo hin taane naannawaa hundaaf bu’uura kan ta’uudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota duraanii fi hoggantoota yeroo ammaa waliin daawwannaa hojiilee misoomaa Baaleetti taasisan cinaatti Holqa Soofumaritti mata duree’ Duudhaa Soofumar’jedhuun marii gaggeessaniiru.

Yeroo gabaabaa keessatti hojiin hojjetame hojiilee biroof kan nama onnachiisaan ta’uu eeran obbo Shimallis Abdiisaan maricharratti yaada kaasaniin.

Fageenya dheeraa deemuu keenyaa daawwannichaan hubanneerra jedhan.

Waggoottan darban dameewwan hundaan guddinni abdii namatti horan mul’achuu ibsan.

Yeroo itti aanu hojiileen misoomaa jajjaboon ni hojjetamu jedhan.

Hawaasa Seeftineetiin jiraachaa ture fayyadamoo misoomaa gochuun danda’amuu eeran obbo Shimallis Abdiisaan.

Soosinnaa Alamaayyootiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.