Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misoomaa Gaarreen Baaleetti hojjetamaa jiran qabeenya naannawichaa mul’iseera – Hoggantoota duraanii

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018 (FMC) – Hojiileen misoomaa Gaarreen Baaleetti hojjetamaa jiran qabeenya naannawichaa mul’iseera jedhan Hoggantoota duraanii.

Hoggantoonni duraanii fi hoggantoonni amma hojiirra jiran waloon ta’uun guyyoota sadan darban Baalee daawwataniiru.

Hojiileen misoomaa yeroo ammaa Gaarreen Baaleetti hojjetamaa jiran qabeenya naannawichaa dhokatee ture ifee akka mul’itu taasisuu ibsan Hoggantoota duraanii kunneen.

Wanti Gaarreen Baaleetti agarre daraan aja’ibsiisaadha jedhan.

Guyyoottan sadan darban qabeenya uumamaa raajii ta’e arguu dubbatan.

Daawwannaa keenyaan hojiilee qabeenya kuufamaa godinichaa ifatti baasaan hojjetamuu argeera jedhan Ministirri Alaa duraanii fi Barreessaa Olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon.

Hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran Oromiyaarra darbee biyyaaf kan oolu ta’uu eeran.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.