Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misoomaa magaalaa Baahir Daar daawwataman

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2017 (FMC )- Hoggantoonni olaanoo Mootummaa federaalaa hojiilee misoomaa magaalaa Baahir Daar daawwataniiru.

Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Minisitirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xirunaa fi Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaan hojiilee misoomaa garaagaraa magaalaa Baahir Daaritti ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Akkasumas Gorsaan Dhimmoota hawaasummaa Ministira Muummee Daayiqoon Daani’eel Kibrat, Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyii fi qondaaltoonni olaanoo naannoo fi federaalaa biroon argamaniiru.

Daawwannaa isaaniin Riqicha laga Abbayaa irratti ijaaramaa jiruufi hojiilee misooma koriidarii naannawaa hara Xaanaatti ijaaramaa jiru daawwataniiru.

Leeyikuun Alemtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.