Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen riifoormii rakkoo dhaabbilee nageenyaa gara carraatti jijjiiraniiru- Obbo Tamsgeen Xurunaa

Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Hojiileen riifoormii rakkoo dhaabbilee nageenyaa gara carraatti jijjiiraniiru jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamsgeen Xurunaan.

Konifiransiin nageenyaa mata duree “ Qindoomina Dhaabbilee Nageenyaafi Tsgabbii Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffameera.

Obbo Tamsgeen Xurunaan konfiransicha ilaalchisee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin dhaabbileen nageenyaafi tasgabbii gaachana nageenyaa, waardiyyaa kabaajaafi faayidaa biyyaalessaa keenyaati jedhan.

Waraanni walii waliinii, dabni garee shororkeessitootaa, waraanni Giddugaleessa Bahaafi muddamni ji’oo polotiksii biyya keenya qoranis jabina dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii keenyaan akkasumas wareegama ijoollee isheen hojii Afrikaaf fakkeenya ta’u raawwachuun har’as akkuma kaleessaa Itiyoophiyaan jabaattee dhaabatteetti jechuun ibsaniiru.

Hojiileen riifoormii waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojjetaman rakkoo dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii gara carraatti jijjiiruu eeruun humnoonni nageenyaa keenya teeknooloojiin, humna namaafi gurmaa’insaan ammayyaa’uun, halkaniifi guyyaa carraaquun fi tumsa uummata keenyaan bu’aa hunda galeessa galmeesseera jedhan.

Sosochiileen dippiloomaasiifi tarsiimawoon faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf godhaman gara boqonnaa haaraatti ce’uus eeraniiru.
Milkaa’ina kana galmeessisuuf qindoominniifi tattaaffiin waloo dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii federaalaa sadarkaan jiran akkasumas dhaabbileen nageenyaa naannolee qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Imalli naannolee Oromiyaafi Amaaraatti nageenya waaressuuf adeemamee fi bu’aaleen argaman jajjabeessaa ta’uu ibsuun, guutuu biyyattiitti nageenyi waaraan hanga mirkanaa’utti hirmaannaan dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii akkasumas uummataa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisan.

Filannoon Waliigalaa 7ffaan dimokiraasiin kan itti jabaatuufi boqonnaa seena qabeessa akka ta’uuf dhaabbileen nageenyaa itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan dhaamaniiru.

Imalli keenya ni eegalame malee hin xumuramne kan jedhan obbo Tamasgeen Xurunaan idaawwan kaleessaa keessaa baanee, qormaatilee har’aa injifannoon ceenee biyya dhaloota egeree madaaltu ijaaruuf kutannoon itti fufna jedhaniiru.

Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.