Hojiileen tajaajila lammummaa misooma waloorratti xiyyeeffatu
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC) – Hojiileen Tajaajila lammummaa naannoo Oromiyaatti raawwatamaaa jiran misooma waloorratti kan xiyyeefataniidha jedhe Biiroon maallaqaa Oromiyaa.
Tajaajilli lammummaa akka naannoo Oromiyaatti bara 2011 labsii Caffee Oromiyaan ragga’ee bara 2012 gara hojitti galuun ni yaadatama.
Tajaajilli lammummaa muxannoo biyyoota biroo qorachuun duudhaan ummaticha keessaa duraan ture caalmaatti kan fooyya’eedha.
Haaluma kanaan Oromiyaatti hojiin tajaajila lammummaa duraan tola ooltummaa jedhamuun beekamu kara haaraan qindaa’ee kan hojitti kan gale ta’uu Hogganaa itti aanaa Biiroo Maallaqaa fi Ittigaafatamaan Damee Tajaajila lammummaa Dooktar Mahammadnaasir Abbaajamaal Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Bara 2012 hojiileen tajaajila lammummaa kun gosoota hojii 10’n kan eegale ta’uu kan yaadachiisan Dooktar Mohaammadnaasir, yeroo ammaa gosoota hojiilee 58 oliin raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajilli lammummaa hojiilee naannichatti waggaa guutuu hojjetamu ta’uu ibsuu, jiruuufi jireenya hawaasa naannicha jijjiiraa jiras jedhan.
Qabeenya, beekumsaa fi humna qabaniin hawaasa ofii deeggaruun murteessaa akka ta’ee dhamaniiru.
Hojiilee barnoota irratti xiyyeeffatan,Fayyaa, Ashaaraa magariisaa manneen harka qaleeyyii ijaaruu fi haaroomsuu, bo’oo bishaanii baasuu,dichii, daandii cirrachaa ijaaruu fi suphuu, hojiilee eegumsa biyyee fi bishaanii, dareewwan dabalataa ijaaruu,maaddii qooduu fi dhiiga arjoomuun hojiilee ijoo tajaajila lammummaan hojjetamaa jiran ta’uu dubbataniiru.
Bara 2017 tajaajila lammummaan hojiileen Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 29 olitti tilmaamaman hojjetamuu kaasaniiru.
Bara 2012 hanga ammaatti ammoo Oromiyaatti hojiileen tajaajila lammummaa Birrii biiliyoona 600 fi biiliyoona 56 olitti tilmaamaman hojjetamuu dubbataniiru.
Hojiileen kunneen qawaa mootummaa duchuuf kan gargaraan ta’uu ibsaniiru.
Lammummaa jechuun miseensa hawaasa tokkoo ta’uu hubachuun namni hundi waan hawaasaaf barbaachiisuuf dhimmamuu qaba jedhan.
Rakkoo qofa hasaa’u osoo hin taane qaama furmaata ta’uun akka danda’amu tajaajila lammuummaan mul’achuu danda’eera.
Bara 2018tti gosoota hojii 72 tajaajila lammummaan raawwachuuf karoorfamuu Dooktar Mohaammadnaasir Abbaajamaal hubachiisaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.