Fana: At a Speed of Life!

Hojiin ajandaa walitti qabuu Naannoo Tigraay Finfinneetti eegalamuun waan sirriidha – Aadde Keeriyaa Ibraahiim

Finfinnee, Bitootessa 23, 2018 (FMC) – Hojiin ajandaa walitti qabuu Naannoo Tigraay Finfinneetti eegalamuun waan sirriidha jedhan Aadde Keeriyaa Ibraahiim.

Komiishiniin Marii Biyyaalessaa qooda fudhattoota Naannoo Tigraay waliin sagantaa ajandaa walitti qabuufi hirmaattota adda baasuu magaalaa Finfinneetti gaggeessuu eegaleera.

Waltajjiin kun har’aa eegalee hanga Bitootessa 25, 2018tti dhalattoota naannoo Tigraay fi kutaalee hawaasaa magaalaa Finfinneerraa walitti babba’an waliin gaggeeffama.

Hojiin ajandaa walitti qabuu Naannoo Tigraay Finfinneetti eegalamuun tarkaanfii sirrii ta’uu ibsan Aadde Keeriyaa Ibraahiim.

Aadde Keeriyaa Ibraahiim kana dura Af Yaa’ii Mana Maree Federaashinii ta’uun tajaajiluun kan yaadatamuudha.

Kaayyoo olaanaan waltajjichaa gaaffiilee fi rakkooleen kutaalee biyyattii hundi waraanaan osoo hin taane karaa nagaan furamuu qaba kan jedhu ta’uu kaasan.

Komishinichi naannoo Tigraayitti maricha gaggeessuuf tattaaffiin yeroo adda addaa taasisaa ture sababa humni naannichaa eeyyamamoo ta’uu dhabeen gaggeessuu hin dandeenye jedhan.

Naannoon Tigraay naannoolee kanneenirraa addaa miti kan jedhan Aadde Keeriyaa Ibraahiim, hanga naannichatti haalli mijataan uumamutti maricha Finfinneetti gaggeessuun sirrii ta’uu eeran.

Gara mariitti dhufuun rakkoolee fi gaaffilee jiran mariin furuun barbaachisaa ta’uu himuu ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.