Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Buufata Xiyyaaraa haaraa ijaaruu fi Kan turan fooyyessuu jabaatee itti fufeera jedhame

Finfinnee, Caamsaa 1,2017 (FMC) –  Tajaajila geejjibaa biyya keessaa fooyyessuuf hojiin  buufataalee xiyyaaraa haaraa ijaaruu fi kanneen duraan turan fooyyessuu fi babl’isuu hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa beeksise.

Itiyoophiyaatti yeroo ammaa buufataaleen xiyyaaraa 23 tajaajila geejjiba idilee kennaa jiraachuu Daayireektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Geetaachoo Mangistee ibsaniiru.

Dabalataanis buufataaleen xiyyaraa xixiqqan 22 Abbaa Taayitichaan beekamtii argatanii tajaajila kennaa akka jiran TOItti himaniiru.

Mootummaa Federaalaan buufataaleen shani ijaaramaa akka jiranis eeranii,warreen duraan turanis babal’ifamaa akka jiran dubbataniiru.

Bal’ina lafaa , guddina dinagdee fi fedhii geejjibaa Itiyoophiyaan qabdu wajjiin yoo madaalamu bu’uuraaleen misoomaa jiran ga’aa akka hin taanes ibsaniiru.

Kana hubachuunis tajaajila geejjibaa qileensarraa fooyyessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Abbaan Taayitichaa Mootummaa federaalaa birratti dabalataan mootummooleen naannoolee, bulchiinsoti magaalotaa akkasumas abbootiin qabeenyaa buufataalee xiyyaaraa  ijaaruu akka danda’aniif qajeelfama baasee akka jirus ibsaniiru.

kana hordofees buufataalee xiyyaaraa 32 ijaaruuf gaaffiin dhiyaachuu  ibsanii, Abbaan Taayitichaa bakkicha deemuun iddoo filuu isaas hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.