Fana: At a Speed of Life!

Hojiin eegumsa biyyee fi Bishaanii naannichatti hojjetame bu’aa qabatamaa fide – obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Mudde 20, 2018(FMC) – Naannoo Amaaraatti hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jiru bu’aa qabatamaa fideera jedhan Pirezidaantiin naannichaa obbo Araggaa Kabbadaa.

Pirezidaantichi hojii eegumsa qabeeenya uumamaa bara kanaa aanaa addaa Argobbaa sulula Dallamaneetti eegalchiisaniiru.

Yeruma kana pirezidaantichi akka dubbatanitti, hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii naannichatti hojjetamaa jiru bu’aa qabatamaa mul’atu fidaa jira.

Hojiin eegumsa qabeenya uumamaa kun jiidhinsa dabaluun madaala uumamaa eeguuf gahee isaa bahaa akka jiru ibsaniiru.

Qabeenya uumamaa kunuunsuun hariiroo namaa fi uumama gidduu jiru haaromsuu bira darbee, damee qonnaan jijjiiramni qabatamaa fiduu kaasaniiru.

Hojiin eegumsa qabeenya uumamaa har’a naannichatti eegalame kanaan lafti heektaarri kuma 400 fi kuma 50 caalu akka misoomu eeranii, hawaasni hojii kana irratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Hojiiwwan eegumsa qabeenya uumamaan hojjetaman mala baayooloojikaalaan uwwisuunis cimee akka itti fufu kaasaniiru.

Kadir Mahaammadtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.