Hojiin fayyadamumaa hawaasaa mirkaaneessaan hedduun hojjetamaa jiru – Obbo Sadaat Nashaa
Finfinnee ,Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Hojiin fayyadamumaa hawaasaa mirkaaneessaan hedduun hojjetamaa jiru jedhan sadarkaa itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Sadaat Nashaan.
Dawwaannaa Godina Gujii Lixaatti taasifameen godinichatti Pirojektootni fayyadamumaa hawaasaa mirkaaneessaan hedduun yeroo jedhame keessatti hojjetamuun xumuramuu ibsan.
Hojiileen akka naannoo Oromiyaatti hojjetaman hojii jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiiran ta’uu kaasan.
Aadaan hojii hawaasa jijjiiramuufi deeggarsi Mootummaa cimuun naannichaatti bu’aan mul’atu argameera jedhan.
Naannichaatti fayyadamummaa dargaggootaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa akka jiru dubbatan obbo Sadaat.
Midhagsaa Qachaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.