Hojiin fooyya’iinsaa damee loojistiksii cimsu hojjetamaa jira
Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC)- Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii hojiileen teeknooloojii diijitaalaa damee loojistiksii cimsuu danda’an hojjetamaa jiru jedhe.
Mariin rakkoo abbootii qabeenyaa damee fichisiisaafi al-ergii irratti bobba’an maqsuurratti kaayyeffate gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen akka jedhanitti, guddina diinagdee akka biyyaatti galmaa’aa jiruuf gaheen abbootii qabeenyaa olaanaadha.
Gabaa biyya keessaafi biyya alaarratti dorgomaa ta’uuf rakkoolee damee geejjibaa furuun barbaachisaa ta’uus kaasan.
Itti fayyadamni yeroo daldalaa qofarratti osoo hin taane guddina diinagdee irratti dhiibbaan qabu olaanaa ta’uu hubachiisaniiru.
Rakkoo damichaa furuuf ministeerichi fooyya’iinsota damee tajaajilaa saffisiisuu dandeessisan hojiirra oolchaa jiraachuu kaasaniiru.
Dameen geejjibaa dameewwan faayidaa biyyaalessaa kabachiisan keessaa tokko kan jedhan Dooktar Alamuun, tajaajila isaa si’ataafi ammayyaa’aa taasisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Geejjiba Galaanarraafi Loojistiksii Dooktar Bariisoo Amaloo gamasaaniin, rakkoolee abbootii qabeenyaa daldala al-ergiifi fichisiisaa irratti bobba’anii mudatan furuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Yeroo ammaa dhaabbatichi sirna maanuwaalii itti fayyadamaa jiru gara diijitaalaatti jijjiiruuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru.
Miilkiyaas Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.