Fana: At a Speed of Life!

Hojiin gama maraan dhaabbata ammayyeessuu cimee itti fufa- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

Finfinnee, Qaammee 1, 2017(FMC)- Hojiin gama maraan dhaabbata ammayyeessuu cimee itti fufa jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan.

Tajaajila hunda galeessa kennuu kan dandeessisu Giddugalli Haaromsaa Qoree eebbifameera.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan wayita kana akka jedhanitti, hojiin Raayyaa Ittisaa damee hundaan ammayyeessuu cimee itti fufa.

Giddugalichi lafa heektaara kuma 8 ol irratti kan ijaarame yoo ta’u Woorkishooppiiwwan 12, gamoo bulchiinsaa, buufata boba’aafi bakkeewwan magariisaa qabaachuun eerameera.

Ijarsi isaa sababoota garaagaraan harkifachaa kan tureefi jijjiirama biyyaalessaan booda fooyya’iinsi garaagaraa taasifamuufiin sadarkaa Raayyichaafi Itiyoophiyaa madaaluun ijaaramuu ibsameera.‎

Giddugalichi tajaajila Jaanmeedaafi Meeksiikootti kennamaa ture gara giddugala tokkootti kan fideefi qulqullina tajaajilaa kan mirkaneesse ta’uunis eerameera.‎

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.