Fana: At a Speed of Life!

Hojiin iddoowwan Masqallii fi Irreechi itti kabajaman mijeessuu fi qulqulleessuu hojjetamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 7, 2018 (FMC) – Hojiin iddoo Ayyaanonni Masqallii fi Irreechi itti kabajaman mijeessuu fi qulqulleessuu hojjetamaa jira jedhe Ejensiin Bulchiinsa Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee.

Bulchiinsonni Magaalaa Finfinneefi Shaggar waliin ta’uun hirmaattota ayyaanichaa simachuuf qophii taasisuun eerameera.

Daayrektarri Olaanaan Ejensichaa Gazzahaany Deessisaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, hojiin iddoowwan ayyaanonni kunneen itti kabajaman mijeessuufi qulqulleessuu eegalameera.

Haaluma Kanaan Koreen Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Komishinii Hoggansa Ittisa Balaawwan Tasaafi Abiddaa, Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon keessatti hirmaatan hundaa’uun gara hojiitti galuu ibsaniiru.

Hirmaattota ayyaanota kanneenii haala gaariin simachuuf qophiin taasifamaa jiraachuus kaasaniiru.

Ayyaanonni kunneen erga xumuramaniin boodas iddoowwan kanneen qulqulleessuu fi sirreessuun qaama qophii kanaa taasifamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Taarik Addunyaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.