Hojiin Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjette yaa’ii nyaataa addunyaarratti akka fakkeenyaatti dhiyaate
Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018 (FMC) – Hojiin Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjettuu fi bu’aan argame yaa’ii nyaataa addunyaarratti biyyoota biroof akka fakkeenyaatti dhiyaateera.
Yaa’iin Nyaataa Addunyaa mata duree ‘nyaata fooyya’aa fi boruu fooyya’aaf wal haa tumsinu’ jedhuun Xaaliyaanii Magaalaa Roomiitti gaggeeffamaa jira.
Ministira Ministeera Tuurizimii Salamaawiit Kaasaa fi Ministir Deetaa Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa dabalatee ogeeyyiin qonnaa Itiyoophiyaa yaa’icharratti hirmaataa jiru.
Guyyaan hundeeffama Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa waggaa 80ffaan sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.
Yaa’iin Nyaata Addunyaa kunis qaama sagantichaati jedhame.
Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa beekumsa mandhalee fi dandeettii ofiin uwwisuuf hojiin hojjettee fi bu’aa qabatamaan argame biyyoota biroof fakeenyaa gaarii ta’uu Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daasilvaan ibsaniiru.
Dhimmi fedhii nyaataa addunyaaf qormaata ta’ee akka itti hin fufne qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisan.
Yaa’ichi biyyoota birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu’aa gaarii galmeessaniif beekamtii ni kennaan eegama.
Fireehiwat Saffiiwutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.