Fana: At a Speed of Life!

Hojiin jireenya hawaasa baadiyyaa jijjiiruuf eegalame cimee itti fufuu qaba- Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2018 (FMC) – Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon hojiin jireenya hawaasa baadiyyaa jijjiiruufi oomishtummaa guddisuu eegalame cimee itti fufuu qaba jedhan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa Godina Shawaa Bahaatti sassaabbii oomisha qamadii gannaa daawwachuun hojii misooma qamadii bonee eegalchiisaniiru.

Obbo Taaggasaa Caafoon daawwannichaan booda yaada kennaniin, hojiin jireenya hawaasa baadiyyaa jijjiiruu badhaadhina gama maraa Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti milkeessuu kan danda’udha jedhan.

Itiyoophiyaatti hawaasni bal’aan kan jiraatu baadiyyaa waan ta’eef mootummaan jireenya hawaasa baadiyyaa jijjiiruufi oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Baadiyyaa biyyattiitti oomisha kuduraa fi muduraan akkasumas midhaaniin bu’aa jajjabeessaan argamuu kaasanii, hojiin misooma qamadii Godina Shawaa Bahaa kanaaf agarsiistuu ta’uu eeran.

Itiyoophiyaan Qamadii, Ruuziifi Avokaadoo dabalatee oomishaalee garaagaraan of danda’uuf hojiin hojjechaa jirtu bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa akka jirus ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Qamadii bituu keessaa baatee dandeettii oomishuu ishee guddisuun agarsiistuu hojii kanaati jechuun, hojiin eegalame cimee itti fufuu akka qabu dhaaman.

Naannoo Oromiyaatti hojiin ce’umsa baadiyyaan hojjetamaa jiru naannolee biroottis hojjetamaa jiraachuu eeruun, gama oomishtummaa guddisuun hojii bu’aa qabeessi hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.