Hojiin Lammiilee Godaansaa deebi’an deebisanii dhaabuu bifa addaan hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Amajjii 15, 2017 (FMC) – Lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota adda addaatti rakkoo hamaa keessa jiran lubbuu baraaruu fi deebisanii dhaabuun bifa addaan hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Lammiileen Itiyoophiyaa hedduun karaa seeraan alaa biyyaa bahuun gidiraa fi dararaa hamaaf saaxilamaa jiraachuun eerameera.
Mootummaan Itiyoophiyaa lammiilee karaa seeraan alaa biyyaa bahanii biyyoota adda addaatti rakkoo hamaa keessa jiran lubbuu baraaruuf hojii dippiloomaasii lammiilee bifa addaan hojjechaa jiraachuun himameera.
Ebla 4, 2016 irraa eegalee hanga ammaatti lammiilee kuma 94 ol gara biyyaa deebisuun danda’amuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Lammiilee gara biyyaatti deebi’an ammoo deebisanii dhaabuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhameera.
Miidhaa hawaas-diinagdee fi xiinsamuu godaansi seeraan alaa qaqqabsiisu hubachuun dursanii ittisuuf hojiin qindoomina qabu sadarkaa hundatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaatti Daayrektarri Daayrektoreetii Bobba’iinsaa fi Odeeffannoo Gabaa Hojii Aadde Faantaye Taaddasaan himaniiru.
Keessattuu Godinaalee Oromiyaa 8 keessatti bifa addaan hojjetamaa jira jedhan.
Waggoottan sadan darbanirraa eegalee hojii lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraatti rakkoo hamaa keessa jiran gara biyyaa deebisuu hojjetameen lammiileen kumni 57 ol gara Oromiyaatti deebi’uu eeraniiru.
Namoota karaa seeraan biyyoota alaatti bobba’anii hojjechuu barbaadaniif haalli mijatee bobbii alaan lammiilee hedduuf carraan hojii uumamuu Aadde Faantayeen ibsaniiru.
Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaatti Daayrekterri Daayrektoreetii Carraa Hojii Uumuu Magaalaa Obbo Tamaam Huseen gama isaaniin, Lammiilee biyya alaatti rakkoo garaagaraa keessa turan gara biyyattii deebisuu fi hojiin deebisanii dhaabuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara kana hanga ammaattis lammiileen kumni 16 fi 700 ol gara Oromiyaatti deebi’uu eeraniiru.
Lammiilee godaansaa deebi’an kuma 11 oliif carraa hojii uumuuf karoorfamee hanga ammaatti lammiilee kuma 2 fi 300 oliif akkaataa fedhii isaaniin carraan hojii uumamuu himaniiru.
Lammiilee godaansaa deebi’an deebisanii dhaabuun qaama dhimma ilaallatu hunda waliin hojjetamaa jiras jedhan.
Carraa hojii bobbii alaanis walqabatee Bara kana hanga ammaatti namoota kuma 82 oliif biyyoota garaagaraatti carraan hojii uumamuu Obbo Tamaam ibsaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.