Hojiin misooma Indaastirii kalaqa saffisiisuun oomishtoota biyya keessaa cimsaa jira
Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Qaama ce’umsa diinagdee Itiyoophiyaa kan ta’e hojiin misooma Indaastirii kalaqa saffisiisuun oomishtoota biyya keessaa cimsaa jira jedhe Waajjirri Ministira Muummee.
Hojiin Indaastirii babal’isuu raawwatamaa jiru oomishaalee alaa galaa turan kan biyya keessan bakka buusuun hirkatummaa hir’isaa jiraachuu ibse.
Sharafa alaa hambisuun cancala duudhaa biyya keessaa cimsaa jiraachuu kan hime waajjirich, Invastimantiin Paarkiiwwan Indaastirii keessatti guddachaa jiru, deeggarsi oomishtoota biyya keessaaf godhamu, akkasuma sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomishaalee kanneen beeksisuun damicha caalmaatti cimsuu ibse.
Ogummaa hojii fi kalaqa guddisuun guddina diinagdee waaraan mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuu eere.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.