Hojiin Misooma Koriidarii magaaloota naannoo Kibba Itiyoophiyaa 7 keessatti hojjetamaa jira – WMM
Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC) – Magaalota Naannoo Kibba Itiyoophiyaa 7 keessatti hojiin Misooma Koriidarii hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee FDRI ibseera.
Keessattuu magoolata teessoo mootummaa naannichaa fi godinaalee ta’an keessatti hojiin misooma Koriidarii xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee FDRI himeera.
Baajata Mootummaa Federaalaa, bulchiisan magaalotaa, Godinaa fi hirmaannaa ummataan hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Magaalaa Walaayitaa Sooddoo, Aarbaa Minci Diillaa, Saawulaa, Jiinkaa, Kaaraatii fi Yirgaa Caffeetti Daandiin Misooma Koriidarii Kiiloo Meetira 41, bakka magariisummaa fi Paarkiiwwan lafa hektaara 26 uwwise, bakka bashannana ijoollee 9, Ibsaan daandirraa Kiiloomeetira 11 dabalatee hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu eereera.
#Oromia #Ethiopia