Hojiin nageenya naannichaa waareessuu cimee itti fufa
Finfinnee, Fulbaana 15, 2018 (FMC)- Hojiin nageenyaa fi tasgabbii naannichaa waareessuu cimee itti fufaa jedhe Manni Maree Nageenya Naannoo Hararii.
Manni Maree nageenyaa naannichaa haala waaqtawaa naannichaa fi dhimmoota nageenyaarratti marii gaggeesseen, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi nageenya amansiisaa waareessuun hojii dursi kennamuuf ta’uu kaaseera.
Haaluma kanaan manni marichaa nageenyi naannichaa akka cimuuf murannoon hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Naannoo Harariitti nageenyi akka hin jiraanneef qaamoolee socho’an to’achuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf manni marichaa kutannoon kan hojjetu ta’uunis eerameera.
Ayyaanni Daamaraa fi Masqalaa haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf qophiin taasifamuu ibsuun, humna nageenyaa cimsuun hojjiin hordoffii cimaa kan hojjetamu ta’uun eerameera.
Naannichatti hojiin nageenya waareessuu fi seeraa kabachiisuu cimee kan itti fufuu ta’uu himuun, hawaasni naannawaa isaa dammaqinaan akka eegu Manni Marichaa waamicha dhiyeessuu Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannichaa obbo Henook Mulunaa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.